-
2 Mootota 5:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 ol seenee gooftaa isaa bira dhaabbate. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Gehaaz, eessaa dhufta?” isaan jedhe. Inni garuu, “Ani tajaajilaan kee eessa iyyuu hin dhaqne” isaan jedhe.+ 26 Achiis Eelsaaʼiin akkana isaan jedhe: “Yommuu namichi si simachuuf gaarii fardaa isaa irraa buʼetti garaan koo sii wajjin achi hin turree? Yeroon kun, yeroo meetii yookiin uffata yookiin mukeetii ejersaa* yookiin maasii wayinii yookiin hoolota yookiin loon yookiin tajaajiltoota dhiiraa yookiin tajaajiltoota durbaa itti fudhatani dhaa?+ 27 Amma dhukkubni nadaayii+ Naʼamaan bara baraaf sii fi sanyii keetti ni maxxana.” Innis yeruma sana dhukkuba nadaayiitiin qabamee akkuma cabbii addaatee isa biraa gad baʼe.+
-
-
2 Mootota 8:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yeroo kanatti mootichi Gehaaz isa tajaajilaa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaan, “Mee maaloo, wantoota guguddaa Eelsaaʼi raawwate hunda natti himi” jechaa ture.+
-