-
Izraa 9:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis akkanan jedhe: “Yaa Waaqa koo, dogoggorri keenya mataa keenya irratti waan baayʼatee fi yakki keenya hamma samiitti waan tuulameef, yaa Waaqa koo, ani fuula koo gara keetti ol kaasuuf nan qaanaʼe, nan saalfadhes.+
-
-
Nahimiyaa 1:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 maaloo, kadhannaa ani harʼa sitti dhiheessaa jiru dhagaʼuudhaaf gurri kee kadhannaa tajaajilaan kee dhiheessu xiyyeeffannaadhaan haa dhagaʼu; ijji kees kadhannaa kanaaf kan baname haa taʼu; ani Israaʼelota warra tajaajiltoota kee taʼan ilaalchisee halkanii fi guyyaa+ kadhannaa dhiheessaa, cubbuu sabni Israaʼel si irratti raawwatanis himachaan jira. Anis taʼe manni abbaa kootii cubbuu hojjenneerra.+
-
-
Daaniʼel 9:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera.
-