LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 18:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Achiis Abrahaam Waaqayyotti dhihaatee akkana jedhe: “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa?+ 24 Namoonni qajeeloon 50ni magaalattii keessa jiru haa jennu. Maarree, ati isaan ni balleessitaa? Namoota qajeeloo 50 warra ishii keessatti argamaniif jettee magaalaa sanaaf dhiifama hin gootuu? 25 Wanti wal fakkaatu nama qajeelaa fi nama hamaa irra akka gaʼuuf, nama qajeelaa nama hamaa wajjin ajjeesuudhaan tarkaanfii akkanaa matumaa hin fudhattu!+ Kun wanta hin yaadamne dha.+ Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?”+

  • 1 Mootota 14:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yeroo sanatti Abiyaan ilmi Yeroboʼaam ni dhukkubsate.

  • 1 Mootota 14:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Maatii Yeroboʼaam keessaa bakka awwaalaatti kan awwaalamu isa qofa waan taʼeef, guutummaan Israaʼel booʼee isa ni awwaala; sababiin isaas, mana Yeroboʼaam keessaa Yihowaan Waaqni Israaʼel wanta gaarii kan keessatti argate isa qofa dha.

  • 2 Seenaa Baraa 19:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yehuun+ ilmi Hanaanii+ inni mulʼata argu, isa argachuuf baʼee Yoshaafaax Mootichaan akkana jedhe: “Ati nama hamaa gargaaruu qabdaa?+ Warra Yihowaa jibban hoo jaallachuu qabdaa?+ Sababii kanaatiin dheekkamsi Yihowaa si irratti ni dhufa. 3 Haa taʼu malee, ati utubaawwan waaqeffannaa* biyyattii keessaa haxooftee waan balleessiteef, akkasumas Waaqa dhugaa barbaaddachuuf garaa kee waan qopheessiteef*+ wantoonni gaariin si keessatti argamaniiru.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi