LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ana biratti* waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin.+

  • Baʼuu 20:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin;+ sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu,+ akkasumas warra isa jibban cubbuu abbootiitiif ilmaan irratti, dhaloota sadaffaa irrattii fi dhaloota arfaffaa irratti adaba fidu dha;

  • Keessa Deebii 7:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman ibiddaan gubaa.+ Meetii fi warqiin isaan irra jiru Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa waan taʼeef,+ kiyyoo akka sitti hin taaneef isa hin hawwin yookiin hin fudhatin.+

  • 2 Seenaa Baraa 28:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Akaaz Mootichi yeroo dhiphatetti, caalaatti Yihowaa irratti gocha gantummaa raawwate. 23 Innis, “Waaqoliin mootota Sooriyaa isaan gargaaraa waan jiraniif, anaanis akka gargaaraniif ani aarsaa isaaniif nan dhiheessa”+ jechuudhaan waaqolii Damaasqoo warra isa injifatanii+ turaniif aarsaa dhiheessuu jalqabe.+ Isaan garuu, innis taʼe guutummaan Israaʼel akka gufatu godhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi