LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 7:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Kanaafuu, Solomoon Mootichi hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure. Achiis Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sanas manneen qabeenyaa mana Yihowaa keessa ni kaaʼe.+

  • 1 Mootota 15:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yeroo kanatti Aasaan meetii fi warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti hafe hunda fuudhee tajaajiltoota isaatti kenne. Achiis Aasaan Mootichi tajaajiltoota isaa kana gara Benhadaad ilma Taabrimoon, ilma Heziyoon isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa turetti ni erge; akkana isaan jedhe:

  • 2 Mootota 24:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+ 13 Qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa hundumaas achi keessaa baasee fudhate.+ Miʼawwan warqii mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiranii fi Solomoon mootiin Israaʼel hojjete hundumaa ni caccabse.+ Kunis akkuma Yihowaan dursee dubbatetti ni raawwatame.

  • 2 Mootota 25:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kaladoonnis utubaawwan sibiila diimaa+ mana Yihowaa, gaariiwwanii+ fi Galaana sibiila diimaa+ warra mana Yihowaa keessa turan ni caccabsan; sibiila diimaa sanas gara Baabilonitti ni geessan.+ 14 Kana malees, miʼawwan daaraa, akaafaawwan, dhaamsituuwwan ibsaa, xoofoowwanii fi miʼawwan sibiila diimaa tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hundumaa ni fudhatan. 15 Ajajaan waardiyyootaa sunis qodaawwan ibiddaa fi saaniiwwan golboo warra warqii+ fi meetii qulqulluu irraa tolfaman ni fudhate.+

  • 2 Seenaa Baraa 12:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kanaafuu, Shishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemiin waraanuuf ni dhufe. Innis qabeenya mana Yihowaa+ fi qabeenya mana mootichaa ni fudhate. Inni gaachanoota warqii Solomoon hojjete dabalatee wanta hundumaa ni fudhate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi