LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Isaanii wajjin yookiin waaqolii isaanii wajjin kakuu hin galin.+

  • Baʼuu 34:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+ 16 Achiis ijoollee dhiiraa kee ijoollee durbaa isaanii fuusisuun kee hin oolu;+ ijoolleen durbaa isaaniis waaqolii isaanii wajjin sagaagaluu fi ijoolleen dhiiraa kees waaqolii isaanii wajjin akka sagaagalan gochuun isaanii hin oolu.+

  • Keessa Deebii 7:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • Iyyaasuu 23:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi