LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 6:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “Waggaa jalqabaa Qiiros Mootichaatti, Qiiros Mootichi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ilaalchisee ajaja akkana jedhu kennee ture:+ ‘Isaan achitti aarsaawwan akka dhiheessaniif, manichi deebiʼee haa ijaaramu; buʼuurri isaas haa kaaʼamu; ol dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaas dhundhuma 60+ taʼee,

  • Izraa 6:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan jedhanitti, Waaqa samiitiif aarsaawwan gubamaniif akka taʼanitti wanti isaan barbaachisu hundi, jechuunis jiboonni,+ korbeeyyiin hoolaa+ fi xobbaallaan* hoolaa,+ akkasumas qamadiin,+ soogiddi,+ daadhiin wayinii+ fi zayitiin+ guyyaa guyyaadhaan utuu addaan hin citin isaaniif haa kennamu;

  • Izraa 7:21-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Ani Arxeksis Mootichi, warri naannoo Lagicha* Gamaa keessatti qabeenya irratti itti gaafatamummaa qabdan hundi, wanta Izraan+ lubichi inni garagalchituu* Seera Waaqa samiiwwanii taʼe isin gaafatu hundumaa hatattamaan akka isaaf raawwattan ajaja kenneera; 22 hamma meetii taalaantii* 100tti, qamadii safartuu qorosii* 100tti, daadhii wayinii+ safartuu baatii* 100tti, zayitii+ safartuu baatii 100tti, akkasumas soogiddi+ hammana hin jedhamne isaaf haa kennamu. 23 Bulchiinsa mootichaa irrattis taʼe ilmaan isaa irratti dheekkamsi akka hin dhufnetti+ wanti Waaqni samiiwwanii mana Waaqa samiiwwanii ilaalchisee ajaje+ hundi hinaaffaadhaan haa raawwatamu. 24 Kana malees, isin luboota, Leewwota, faarfattoota,+ karra eegdota, tajaajiltoota mana qulqullummaa*+ fi hojjettoota mana Waaqayyoo keessaa isa kam irratti iyyuu qaraxa, gibira+ yookiin qaraxa kellaa akkamii iyyuu muruun akka hin heyyamamne beekaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi