LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 139:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Dhugumaan dukkanni na dhoksa!” yoon jedhe,

      Halkan naannoo koo jiru ifa taʼa.

      12 Dukkanni illee siif dukkana miti,

      Kanaa mannaa, halkan akkuma guyyaatti ni ifa;+

      Dukkanni siif akkuma ifaa ti.+

  • Isaayyaas 29:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Warra karoora* isaanii Yihowaa jalaa dhoksuuf karaa dheeraa deemaniif wayyoo.+

      Isaan, “Eenyutu nu arga?

      Eenyutu waaʼee keenya beeka?” jechaa,

      Hojii isaanii dukkana keessatti hojjetu.+

  • Ermiyaas 23:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Namni bakka dhokataa ani itti isa arguu hin dandeenyetti dhokachuu dandaʼu jiraa?”+ jedha Yihowaan.

      “Ani samiiwwanii fi lafa guuteen jira mitii?”+ jedha Yihowaan.

  • Amoos 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Fiixee Qarmeelos irra yoo dhokatan,

      Achi keessaa barbaadee isaan nan qaba.+

      Galaana jala lixanii ija koo duraa yoo dhokatan,

      Achitti bofti akka isaan hiddu nan ajaja.

  • Ibroota 4:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru;+ kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi