1 Saamuʼel 17:46 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 46 Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna;+ anis si ajjeesee mataa kee si irraa nan mura; guyyaa kanattis reeffa raayyaa Filisxeemotaa allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; namoonni lafa irra jiran hundis Israaʼel keessa Waaqni akka jiru ni beeku.+ Faarfannaa 9:16 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 16 Yihowaan murtii kennuun ni beekama.+ Inni hamaan hojiidhuma harka isaatiin kiyyoo keessa galeera.+ Higaayoon.* (Seelaa) Faarfannaa 83:17, 18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 17 Isaan bara baraaf haa qaanaʼan, haa naʼanis;Haa salphatan, haa badanis;18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.
46 Harʼa Yihowaan harka kootti dabarsee si kenna;+ anis si ajjeesee mataa kee si irraa nan mura; guyyaa kanattis reeffa raayyaa Filisxeemotaa allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaatiif nan kenna; namoonni lafa irra jiran hundis Israaʼel keessa Waaqni akka jiru ni beeku.+
16 Yihowaan murtii kennuun ni beekama.+ Inni hamaan hojiidhuma harka isaatiin kiyyoo keessa galeera.+ Higaayoon.* (Seelaa)
17 Isaan bara baraaf haa qaanaʼan, haa naʼanis;Haa salphatan, haa badanis;18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.