LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 19:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Innis, “Ani Yihowaa Waaqa Raayyaatiif baayʼee hinaafeera;+ namoonni Israaʼel kakuu kee dhiisaniiru;+ iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees goraadeedhaan ajjeesaniiru;+ kunoo, kan hafe anuma qofa dha. Amma immoo isaan lubbuu koo balleessuu barbaadu”+ jedhe.

  • Faarfannaa 119:139
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 139 Diinonni koo dubbii kee waan irraanfataniif,

      Hinaaffaan koo na nyaata.+

  • Maatewos 21:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yesuus mana qulqullummaa* seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan hunda achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche.+ 13 Achiis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gochaa jirtu”+ isaaniin jedhe.

  • Maarqos 11:15-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis gara Yerusaalem dhufan. Achittis Yesuus mana qulqullummaa seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche;+ 16 namni tokko iyyuu miʼa baatee mana qulqullummaa keessa akka hin darbines ni dhowwe. 17 Namootas ni barsiisa ture; akkasumas, “‘Manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera mitii? Isin garuu holqa saamtotaa gootan”+ isaaniin jedhe.

  • Yohaannis 2:13-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yeroo kanatti Ayyaanni Faasikaa+ Yihudootaa dhihaatee waan tureef, Yesuus gara Yerusaalemitti ol baʼe. 14 Mana qulqullummaa keessattis namoota loon, hoolotaa fi gugee+ gurguran, akkasumas namoota taaʼanii maallaqa jijjiiran arge. 15 Kanaafuu, funyoo irraa qaccee dhaʼatee, hoolotaa fi loon isaanii wajjin hunda isaanii mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa jijjiiranii ni bittinneesse, minjaala isaaniis ni gaggaragalche.+ 16 Warra gugee gurguraniinis, “Wantoota kana asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa* gochuu keessan dhiisaa!”+ jedhe. 17 Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na guba”+ jedhamee isa barreeffame sana yaadatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi