LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 14:2-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+ 4 Kana irra darbees isaan, “Kottaa geggeessaa tokko muudnee gara biyya Gibxiitti haa deebinu!” waliin jedhu turan.+

  • Lakkoofsa 25:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.

  • 1 Qorontos 10:8-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Akkuma isaan keessaa tokko tokko halalummaa* raawwatanii guyyaa tokkotti namoonni 23,000 dhuman, nutis halalummaa* raawwachuu irraa haa fagaannu.+ 9 Akkuma isaan keessaa tokko tokko isa qoranii bofaan balleeffaman,+ nutis Yihowaa* qoruu irraa haa fagaannu.+ 10 Akkuma isaan keessaa tokko tokko gungumanii+ isa balleessu sanaan balleeffaman,+ isinis hin gunguminaa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi