- 
	                        
            
            Faarfannaa 53:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin.* Maaskiil.* Faarfannaa Daawit.
Namoonni akkanaa gochi isaanii inni jalʼaan mancaʼaa fi jibbisiisaa dha;
Wanta gaarii kan hojjetu tokko illee hin jiru.+
2 Waaqayyo garuu namni hubannaa qabuu fi namni Yihowaa barbaaddatu jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf,+
Samii irraa gara ilmaan namootaa gad ni ilaala.+
3 Hundi isaanii karaa irraa goraniiru;
Hundi isaanii mancaʼaniiru.
Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru,
Tokko illee hin jiru.+
4 Warra balleessaa raawwatan keessaa tokko illee hin hubatuu?
Isaan akkuma nyaata nyaatanitti saba koo nyaatu.
Yihowaas hin waammatan.+
5 Haa taʼu malee, isaan naasuu guddaadhaan,
Naasuu isaan mudatee hin beekneenis ni liqimfamu;*
Sababiin isaas, Waaqayyo lafee warra si haleelanii* ni bittinneessa.
Yihowaan waan isaan dhiiseef, ati isaan ni salphista.
6 Fayyinni Israaʼel Xiyoon irraa haa dhufu!+
Yeroo Yihowaan saba isaa isa boojiʼame deebisee walitti qabutti,
Yaaqoob haa gammadu, Israaʼel haa ililchu.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Roomaa 3:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
10 kunis akkuma akkana jedhamee barreeffame dha: “Namni qajeelaan hin jiru, tokko illee hin jiru;+ 11 namni hubannaa qabu tokko illee hin jiru; namni Waaqayyoon barbaaddatu tokko illee hin jiru. 12 Namoonni hundi karaa irraa goraniiru; hundi isaanii gatii kan hin qabne taʼaniiru; namni gaarummaa argisiisu tokko illee hin jiru, tokko illee hin jiru.”+
 
 -