LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 24:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Musee fi Aaron, Naadaabii fi Abihuun, akkasumas jaarsoliin Israaʼel 70ni ol baʼanii 10 Waaqa Israaʼeliin ni argan.+ Miila isaa jalas wanti akka dhagaa afamaa safiroos* fakkaatu jira ture; wanti sun akkuma samii qulqulluu ture.+

  • Isaayyaas 6:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Bara Ooziyaan Mootichi duʼetti,+ Yihowaan teessoo dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irra taaʼee nan arge;+ fiixeen uffata isaatiis mana qulqullummaa guutee ture. 2 Suraafelonni isa gararraa dhaabbatanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan* jaʼa jaʼa qabu turan. Tokkoon tokkoon isaanii* qoochoowwan lamaan fuula isaanii, akkasumas qoochoowwan lamaan miila isaanii haguuganii turan; qoochoowwan lama lamaan immoo ni barrisu turan.

       3 Isaaniis sagalee isaanii ol kaasanii,

      “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+

      Guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutamteetti” waliin jedhu turan.

  • Hisqiʼel 1:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Wanta mudhii isaa fakkaatuu fi sanaa olitti argamu irraa wanta akka sibiila calaqqisuu+ taʼee fi akka ibiddaa ifu tokko nan arge; mudhii isaatii gadittis wanta ibidda fakkaatu tokko nan arge.+ Ifni guddaan tokko isatti marsee jira ture; 28 ifni sunis sabbata waaqaa+ guyyaa bokkaan roobutti duumessa keessaa mulʼatu fakkaata ture. Ifni guddaan isatti marsee jiru sun kana fakkaata ture. Inni bifa ulfina Yihowaa fakkaata ture.+ Anis yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame; achiis sagalee dubbachaa jiru tokko dhagaʼuun jalqabe.

  • Mulʼata 4:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kana booda yeruma sana hafuuraan humna nan argadhe; kunoo, teessoon tokko samii keessa jira ture, teessoo sana irra kan taaʼe tokkos jira ture.+ 3 Inni achi irra taaʼe sun bifti isaa akka dhagaa yaasphisii*+ fi akka dhagaa saardiyon* ture; guutummaa naannoo teessichaa sabbanni waaqaa imeraaldii fakkaatu jira ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi