13 Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi;
Ati inni karrawwan duʼaa irraa na kaastu,+ cunqursaa warri na jibban na irraan gaʼan ilaali;
14 Kunis ani karrawwan intala Xiyoon+ irratti hojiiwwan kee warra jajamuu qaban akkan labsuuf,
Gochawwan fayyinaa keettis akkan gammaduufi.+