LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 15:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+

  • Baʼuu 3:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Dubartoonni hundi olloota isaanii fi dubartoota mana isaanii keessa jiraatan faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata haa gaafatan; isinis wantoota kana ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa keessaniif ni gootu; warra Gibxiis ni saamtu.”+

  • Baʼuu 12:35, 36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Israaʼelonnis akkuma Museen isaanitti himetti, faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata akka isaaniif kennan warra Gibxii ni gaafatan.+ 36 Yihowaan warra Gibxii duratti sabichaaf ulfina waan kenneef, wanta isaan gaafatan isaaniif ni kennan; isaanis warra Gibxii ni saaman.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi