-
Uumama 15:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+
-
-
Keessa Deebii 9:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ati biyya isaanii dhaalaan fudhachuuf kan seentu qajeelummaa keetiin yookiin qajeelina garaa keetiitiin kan kaʼe miti. Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan saboota kana si duraa kan ariʼu hammina isaaniitiin kan kaʼe dha;+ akkasumas kakuu Yihowaan abbootii kee Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif+ kakate raawwachuuf jedhee ti.
-