LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 12:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Yeroo kanatti Yihowaan Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna”+ jedhe. Kanaafuu, inni achitti Yihowaa isa isatti mulʼatee tureef iddoo aarsaa ni ijaare.

  • Uumama 15:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+

  • Baʼuu 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo boodas Waaqayyo aaduu isaanii ni dhagaʼe;+ kakuu isaa isa Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobii wajjin gales ni yaadate.+

  • Keessa Deebii 9:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ati biyya isaanii dhaalaan fudhachuuf kan seentu qajeelummaa keetiin yookiin qajeelina garaa keetiitiin kan kaʼe miti. Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan saboota kana si duraa kan ariʼu hammina isaaniitiin kan kaʼe dha;+ akkasumas kakuu Yihowaan abbootii kee Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif+ kakate raawwachuuf jedhee ti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi