LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 41:51, 52
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Yoseef, “Waaqayyo rakkina koo hundumaa fi guutummaa mana abbaa kootii na irraanfachiise” jechuudhaan ilma isaa isa angafaa Minaasee*+ jedhee moggaase. 52 Achiis, “Waaqayyo biyyan itti rakkina arge keessatti akkan horu na godhe”+ jechuudhaan ilma isaa isa lammaffaa Efreem*+ jedhee moggaase.

  • Leewwota 26:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “‘Ani isin nan eebbisa;* akka hortanii fi akka baayʼattanis nan godha;+ kakuun isinii wajjin gales nan eega.+

  • Iyyoob 42:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Akka kanaan Yihowaan jireenya Iyyoob isa duraa caalaa jireenya isaa isa boodaa ni eebbise;+ Iyyoob hoolota 14,000, gaalota 6,000, horii cimdii 1,000 fi harroota dhaltuu 1,000 ni horate.+ 13 Kana malees, inni ijoollee dhiiraa dabalataa torbaa fi ijoollee durbaa dabalataa sadii ni argate.+

  • Faarfannaa 128:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Haati manaa tee mana kee keessatti akkuma muka wayinii firii godhatuu ni taati;+

      Ilmaan kees naannoo maaddii keetti akkuma latiiwwan muka ejersaa ni taʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi