-
Faarfannaa 115:4-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,
Warra hojii harka namaa taʼani dha.+
5 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+
Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;
6 Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;
7 Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;
Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+
Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+
8 Namoonni isaan tolchan,
Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+
-
-
1 Qorontos 10:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Egaa, ani maal jechaan jira? Wanti waaqa tolfamaadhaaf aarsaa taʼe gatii qaba yookiin waaqni tolfamaan gatii qaba jechuu koo tii?
-