LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 115:4-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii,

      Warra hojii harka namaa taʼani dha.+

       5 Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan;+

      Ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan;

       6 Gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;

      Funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan;

       7 Harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan;

      Miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan;+

      Qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan.+

       8 Namoonni isaan tolchan,

      Warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.+

  • Isaayyaas 46:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Warri boorsaa isaanii keessaa warqii harcaasan jiru;

      Isaan madaallii irratti meetii ni madaalu.

      Nama sibiila tumu ni mindeessu, innis waaqa godhee isa tolcha.+

      Achiis isaaf ni sagadu, eeyyee, isa ni waaqeffatu.*+

  • Hojii Ergamootaa 17:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 “Kanaafuu, nuti ijoollee* Waaqayyoo erga taanee,+ Waaqayyo warqii, meetii yookiin dhagaa ogummaa fi dandeettii namaatiin bocamee tolfame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu.+

  • 1 Qorontos 10:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Egaa, ani maal jechaan jira? Wanti waaqa tolfamaadhaaf aarsaa taʼe gatii qaba yookiin waaqni tolfamaan gatii qaba jechuu koo tii?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi