- 
	                        
            
            Ibroota 11:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
32 Kana caalaa maal jechuun dandaʼa ree? Waaʼee Giidewon,+ waaʼee Baaraaq,+ waaʼee Saamson,+ waaʼee Yiftaa,+ waaʼee Daawit,+ akkasumas waaʼee Saamuʼelii+ fi waaʼee raajota kaanii dubbachuuf yeroon na hin gaʼu. 33 Isaan amantiidhaan mootummoota injifataniiru,+ qajeelummaan akka jiraatu godhaniiru, waadaa argataniiru,+ afaan leencotaa cufaniiru,+ 34 humna ibiddaa dhaamsaniiru,+ qara goraadee jalaa baʼaniiru,+ yeroo dadhabanitti humna argataniiru,+ waraana irratti jaboo taʼaniiru,+ loltoota isaan weeraran moʼaniiru.+
 
 -