LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 14:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isin garuu Yihowaa irratti hin fincilinaa; namoota biyyattiis hin sodaatinaa;+ sababiin isaas, nuti akkuma buddeenaatti isaan ni nyaanna.* Eegduun isaanii isaan dhiiseera; Yihowaan nuu wajjin jira.+ Isaan hin sodaatinaa.”

  • Keessa Deebii 20:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Akkana isaaniin haa jedhu: ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, amma isin diinota keessan waraanuuf jettu. Hin naʼinaa. Isaaniin kan kaʼe hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa yookiin hin hollatinaa;

  • 2 Seenaa Baraa 20:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Innis akkana jedhe: “Isin namoonni Yihudaa hundi, isin jiraattonni Yerusaalemii fi Yoshaafaax Mootichis dhagaʼaa! Yihowaan akkana isiniin jedha, ‘Lolli kun kan Waaqayyoo ti malee kan keessan waan hin taaneef, sababii namoota hedduu kanaatiin hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+

  • 2 Seenaa Baraa 20:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Lola kana irratti hirmaachuun isin hin barbaachisu. Iddoo keessan qabadhaatii dhaabbadhaa;+ fayyina Yihowaan isiniif argamsiisus* ilaalaa.+ Yaa Yihudaa, yaa Yerusaalem, hin sodaatinaa yookiin hin jeeqaminaa.+ Boru isaanitti baʼaa; Yihowaan isinii wajjin ni taʼa.’”+

  • Faarfannaa 27:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yihowaan ifa+ koo fi fayyisaa koo ti.

      Eenyuunan sodaadha?+

      Yihowaan lubbuu kootiif dahoo dha.+

      Eenyutu na naasisa?

  • Faarfannaa 46:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya,+

      Yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.+

  • Isaayyaas 41:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin.+

      Waaqa kee waanan taʼeef, hin dhiphatin.+

      Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara,+

      Ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba.’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi