LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 15:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yaa Yihowaa, keessummummaadhaan dunkaana kee keessatti kan simatamu eenyu?

      Gaara kee isa qulqulluu irra kan jiraatu hoo eenyu?+

       2 Nama balleessaa malee* deddeebiʼu,+

      Nama wanta sirrii taʼe raawwatu,+

      Akkasumas nama garaa isaatti dhugaa dubbatu.+

       3 Inni arraba isaatiin maqaa hin balleessu,+

      Wanta hamaa taʼe tokko illee nama irratti hin raawwatu,+

      Maqaa michoota isaas hin xureessu.*+

       4 Nama salphaa taʼe kam iyyuu ni tuffata,+

      Namoota Yihowaa sodaatan garuu ni kabaja.

      Kan isa miidhu yoo taʼe illee, waadaa* gale raawwachuu irraa duubatti hin jedhu.+

       5 Maallaqa isaa dhalaan hin liqeessu,+

      Isa balleessaa hin qabne miidhuuf mattaʼaa hin fudhatu.+

      Namni wantoota kana raawwatu kam iyyuu matumaa hin raafamu.*+

  • Fakkeenya 12:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Arrabni dhugaa dubbatu bara baraaf jiraata,+

      Arrabni sobu garuu yeroo xinnoodhaaf qofa tura.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi