-
1 Mootota 21:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+
-
-
1 Mootota 22:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Mootiin Israaʼelis Yoshaafaaxiin, “Karaa isaa Yihowaa gaafachuu kan dandeenyu namni hafe tokko jira;+ garuu inni waaʼee koo wanta hamaa malee takkaa raajii gaarii waan hin dubbanneef+ ani isa nan jibba.+ Innis Mikaayaa ilma Yimlaa ti” jedhe. Yoshaafaax garuu, “Mootichi wanta akkanaa dubbachuu hin qabu” isaan jedhe.
-
-
2 Seenaa Baraa 25:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Amaaziyaatti baayʼee ni dheekkame; achiis raajii, “Waaqolii sabootaa warra saboota ofii isaanii harka kee keessaa oolchuu dadhaban duukaa maaliif buuta?” isaan jedhu tokko isatti ni erge.+ 16 Utuma inni isatti dubbachaa jiruus, mootichi, “Nuti gorsituu mootichaa akka taatuuf si muudneerraa?+ Cal jedhi!+ Taʼuu baannaan ni ajjeefamta” isaan jedhe. Achiis raajichi ni callise; haa taʼu malee inni itti dabaluudhaan, “Ati kana waan gooteef, gorsa koos waan hin dhageenyeef, Waaqayyo si balleessuuf akka murteesse ani beeka” jedhe.+
-