LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 18:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis tajaajiltoonni Yoʼaab kurnan warri meeshaa waraanaa isaaf baatan dhufanii hamma inni duʼutti Abishaalomiin rukutan.+

  • 2 Saamuʼel 20:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yeroo kanatti ilma Bikrii kan taʼe, namni rakkisaan Sheebaa+ jedhamu tokko jira ture; inni nama gosa Biiniyaam ture. Inni xurumbaa afuufee,+ “Nuti Daawit biraa qooda hin qabnu; ilma Issey biraas dhaala hin qabnu.+ Yaa Israaʼel, tokkoon tokkoon kee gara waaqa waaqa* keetti deebiʼi!” jedhe.+

  • 2 Saamuʼel 20:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Dubartii ogeettiin sunis yeruma sana gara namoota sana hundumaa ni dhaqxe; isaanis, mataa Sheebaa ilma Bikrii isa irraa muranii Yoʼaabiif ni darbatan. Yeroo kanatti inni xurumbaa afuufe; isaanis magaalattii irraa dachaʼanii gara mana mana isaaniitti deebiʼan;+ Yoʼaabis gara Yerusaalem gara mootichaatti deebiʼe.

  • 1 Mootota 2:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yeroo kanatti Solomoon Mootichi, “Ati, Adoniyaadhaaf Abishaag Shunaamittii qofa maaliif gaafatta ree? Inni obboleessa koo isa angafaa+ waan taʼeef, mootummichas isaaf gaafachuu dandeessa;+ Abiyaataar lubichii fi Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaas+ isa deggeraa jiru” jedhee ishiidhaaf deebise.

  • 1 Mootota 2:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Ammas Yihowaa isa jiraataa, isa akkuma waadaa galetti jabeessee na dhaabe,+ teessoo abbaa koo Daawit irra na kaaʼee fi mana naaf ijaareen*+ nan kakadha, Adoniyaan harʼa ni ajjeefama.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi