-
Nahimiyaa 9:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Ati gara Seera keetti isaan deebisuuf irra deddeebitee kan isaan akeekkachiiste taʼus, isaan garuu of tuultota taʼan; ajajawwan kees dhagaʼuu ni didan;+ dambiiwwan kee warra namni tokko yoo isaan eege lubbuudhaan ittiin jiraatu+ sana irrattis cubbuu ni raawwatan. Isaan mata jabinaan dugda isaanii sitti ni garagalchan; boqu jabeeyyii taʼan; dhaggeeffachuus ni didan.
-
-
Ermiyaas 16:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Isin wanta abbootiin keessan raawwatan caalaa hamaa taʼe raawwattaniittu;+ tokkoon tokkoon keessan naaf ajajamuu mannaa, garaa keessan isa didaa fi hamaa taʼe duukaa ni buutu.+ 13 Kanaafuu, ani biyya kana keessaa isin baasee biyya isinis taatan abbootiin keessan hin beeknetti isin nan gata;+ achitti isin waaqolii kan biroo halkanii guyyaa tajaajiluuf dirqamtu;+ sababiin isaas, ani gara laafina isinitti hin argisiisu.”’
-