LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 1:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Yeroo sanatti abbootii murtii keessaniif qajeelfama akkana jedhu nan kenne: ‘Isin dhimma obboloota keessan gidduutti kaʼe tokko yommuu dhageessan, nama tokkoo fi obboleessa isaa yookiin isaa fi nama biyya ormaa gidduutti+ qajeelummaadhaan murtii kennaa.+ 17 Murtii kennuu irratti hin looginaa.+ Akkuma isa guddaa dhageessanitti isa xinnaas dhagaʼaa.+ Murtiin kan Waaqayyoo waan taʼeef,+ nama hin sodaatinaa;+ dhimmi tokko humna keessanii ol yoo taʼe, anatti dhiheessaa; anis dhimmicha nan dhagaʼa.’+

  • 2 Saamuʼel 8:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi+ haqaa fi qajeelummaa+ akka argatan godha ture.

  • Faarfannaa 72:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 72 Yaa Waaqayyo, mootichaaf murtiiwwan kee kenni;

      Ilma mootichaas qajeelummaa kee gonfachiisi.+

       2 Inni saba keetiif qajeelummaadhaan,

      Namoota kee warra rakkatoo taʼaniifis haqaan haa falmu.+

  • Isaayyaas 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Warra rakkataniif haqaan* murtii ni kenna,

      Garraamota lafa irra jiraniif jedhees qajeelummaadhaan ni ifata.

      Ulee afaan isaa keessaa baʼuun lafa ni rukuta,+

      Hafuura afaan isaa keessaa baʼuunis isa hamaa ni ajjeesa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi