-
1 Mootota 4:29-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Waaqayyos ogummaa fi hubannaa guddaa, akkasumas gara balʼina* akka cirracha qarqara galaanaa taʼe Solomooniif ni kenne.+ 30 Ogummaan Solomoon ogummaa namoota Bahaa hundumaa fi ogummaa Gibxii hundumaa irra ni caala ture.+ 31 Inni nama kam iyyuu caalaa ogeessa ture; Eetaan+ Izraahicha, akkasumas Hemaan,+ Kaalkolii+ fi Daardaa warra ilmaan Maahol taʼan caalaa ogeessa ture; saboota naannoo isaa jiran hunda gidduuttis beekamaa ni taʼe.+
-
-
2 Seenaa Baraa 1:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Ammas saba kana akkan geggeessuuf* ogummaa fi beekumsa naaf kenni;+ taʼuu baannaan saba kee isa guddaa taʼe kanaaf eenyutu murtii kennuu dandaʼa?”+
11 Achiis Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe: “Hawwiin garaa keetii kana waan taʼeef, akkasumas ati qabeenya, sooruma, ulfina yookiin duʼa* namoota si jibbanii yookiin umurii dheeraa* gaafachuu mannaa ogummaa fi beekumsa saba ani mootii irratti si godheef murtii dabarsuuf si barbaachisu waan gaafatteef,+ 12 ogummaanii fi beekumsi siif ni kennama; haa taʼu malee, ani qabeenya, soorumaa fi ulfina si dura mootiin kam iyyuu hin qabnee fi si boodas eenyu iyyuu hin arganne siifan kenna.”+
-