LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 62:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yaa Yihowaa, jaalalli amanamaanis kan kee ti,+

      Sababiin isaas, ati tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii isaatti ni deebista.+

  • Lallaba 11:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yaa dargaggeessaa, dargaggummaa keetti gammadi, bara dargaggummaa keettis garaan kee haa gammadu. Daandii garaa keetii duukaa buʼi, gara ijji kee si geessus dhaqi; taʼus Waaqni dhugaan wantoota kana hundumaatiif gara murtiitti akka si fidu* beeki.+

  • Maatewos 12:36, 37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Ani isinitti nan hima, namoonni dubbii gatii hin qabne dubbatan hundumaatiif Guyyaa Murtiitti itti gaafatamu;+ 37 sababiin isaas, dubbii keetiin qajeelaa jedhamta; akkasumas dubbii keetiin sitti murteeffama.”

  • Hojii Ergamootaa 17:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Sababiin isaas, inni nama muude sanatti fayyadamee namoota lafa irra jiraatan hunda irratti qajeelummaadhaan murteessuuf+ guyyaa tokko qopheesseera; isa duʼaa kaasuudhaanis namoota hundaaf wabii kenneera.”+

  • 2 Qorontos 5:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Sababiin isaas, tokkoon tokkoon namaa gaariis taʼe gadhee wanta yeroo qaamaan jirutti raawwateef akkuma hojii isaatti gatii isaa akka argatuuf, hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhihaachuu* qabna.+

  • 1 Ximotewos 5:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Cubbuun namoota tokko tokkoo ifatti waan beekamuuf, yeruma sana murtii argata; kan namoota kaanii garuu yeroo booda mulʼata.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi