LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 15:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Bara Peeqaa mootii Israaʼelitti, Tiglaat Pileseer+ mootiin Asoor, Iyooniin, Abeel Beet Maʼaakaa,+ Yaanoʼaa, Qeedeshiin,+ Hazooriin, Giiliyaadii+ fi Galiilaa, jechuunis guutummaa biyya Niftaalem+ weeraree qabate; namoota achi jiraatanis boojiʼee gara Asooritti fudhate.+

  • 2 Mootota 16:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Achiis Akaaz meetii fi warqii isa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessa jiru fuudhee mootii Asooriif mattaʼaa erge.+ 9 Mootiin Asooris gaaffii isaa kana fudhatee gara Damaasqootti ol baʼee ishii qabate; namoota ishiis boojiʼee gara Qiiritti+ geesse; Reeziniinis ni ajjeese.+

  • Isaayyaas 8:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sana booda raajittii* wajjin saalqunnamtii nan raawwadhe;* ishiinis ulfooftee ilma ni deesse.+ Yihowaanis akkana naan jedhe: “Maqaa isaa Maahaar-shaalaal-haash-baaz jedhii moggaasi; 4 sababiin isaas, mucichi, ‘Aabbaa! Harmee!’ jedhee waamuu baruu isaa dura qabeenyi Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa mootii Asoor duratti ni fudhatama.”+

  • Isaayyaas 17:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Murtii Damaasqoo irratti dabarfame:+

      “Kunoo, Damaasqoon magaalaa taʼuun ishii ni hafa,

      Ishiin tuullaa diiggaa ni taati.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi