LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 25:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+

  • Ermiyaas 38:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Achiis Ermiyaas Zedeeqiyaadhaan akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Ati bulchitoota mootii Baabilonitti yoo harka kennite,* lubbuun kee siif oola;* magaalaan kunis ibiddaan hin gubamtu; atii fi maatiin kees lubbuudhaan ni ooltu.+ 18 Haa taʼu malee, ati bulchitoota mootii Baabilonitti harka hin kennitu* taanaan, magaalaan kun harka Kaladootaatti dabarfamtee ni kennamti; isaan ibiddaan ishii ni gubu;+ atis harka isaanii jalaa hin miliqxu.’”+

  • Ermiyaas 39:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse.

  • Hisqiʼel 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi