-
Ermiyaas 33:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Utuma Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti hidhamee jiruu dubbiin Yihowaa akkana jedhu yeroo lammataatiif gara isaa ni dhufe:
-
-
Ermiyaas 37:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti akka hidhamu ajaje; daabboon magaalattii keessa jiru hundi hamma dhumuttis+ daandii warra daabboo tolchanii irraa guyyaa guyyaadhaan daabboon tokko tokko isaaf ni kennama ture.+ Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa keessa jiraachuu isaa itti fufe.
-
-
Ermiyaas 39:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kanaafuu, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, Nebushaazbaan Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas namoonni mootii Baabilon warri beekamoo taʼan hundi namoota erganii 14 Ermiyaasiin Mooraa Eegdotaa keessaa baasanii+ gara mana isaatti akka isa geessuuf Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaanitti+ dabarsanii isa kennan. Kanaafuu, inni sabicha gidduu ni jiraate.
-