-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Isaayyaas 65:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Ani guyyaa guutuu gara saba didaa+ taʼetti,
Gara warra yaada mataa isaanii duukaa buʼuudhaan
Daandii sirrii hin taane irra deemanitti+ harka koo nan diriirse;
-
Ermiyaas 7:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Isaan garuu hin dhageenye yookiin gurra hin kennine;+ kanaa mannaa, didaa taʼanii garaa isaanii isa hamaa hordofuudhaan yaada* mataa isaaniitiin deeman;+ isaan fuulduratti deemuu mannaa duubatti deebiʼan; 25 guyyaa abbootiin keessan biyya Gibxiitii baʼan irraa jalqabee hamma harʼaatti akkana godhan.+ Kanaafuu, ani raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼee* gara keessanitti erguu koo ittan fufe.+ 26 Sabichi garuu na dhagaʼuu didan, gurras hin kennine.+ Kanaa mannaa, didaa taʼan,* abbootii isaanii caalaas hammina raawwatan!
-
-
Ermiyaas 35:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye.
-
-
-