-
Isaayyaas 40:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
Inni akkuma huccuu haphiitti samiiwwan ni afa,
Akkuma dunkaana keessa jiraatamuuttis isaan ni diriirsa.+
-
-
Ermiyaas 10:12-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Inni isa humna isaatiin lafa tolche,
Isa ogummaa isaatiin dachee oomisha kennitu hundeessee+ fi
Hubannaa isaatiin samiiwwan diriirse dha.+
13 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,
Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,+
Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.+
14 Namni hundi hubannaa fi beekumsa hin qabu.
Namni sibiila tumu hundi fakkii bocameen kan kaʼe ni qaanaʼa;+
Sababiin isaas, fakkiin isaa inni sibiila irraa tolfame* soba dha,
Hafuurris fakkiiwwan kana keessa hin jiru.+
15 Isaan abjuu* fi hojii itti qoosamu dha.+
Guyyaan itti qorataman yommuu dhufu ni badu.
16 Qoodni Yaaqoob akka wantoota kanaa miti,
Sababiin isaas, inni isa wanta hundumaa tolche dha,
Israaʼelis ulee dhaala isaa ti.+
Maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.+
-