LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:53-57
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 53 Achiis magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinni kee waan si dhiphisuuf ijoollee kee,* foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kenne sanaa nyaachuuf dirqamta.+

      54 “Isin gidduudhaa namni hundumaa caalaa garraamii taʼee fi qananiitti guddate illee obboleessa isaatiif yookiin haadha manaa isaa ishii jaallatuuf yookiin ilmaan isaa warra hafaniif hin gaddu; 55 inni magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe, wanta kan biraa waan hin qabneef, foon ilmaan isaa isa nyaatu sana irraa homaa isaaniif hin kennu.+ 56 Isin gidduudhaa dubartiin hundumaa caalaa garraamii taate, qananiitti guddattee fi faana miila ishiitiin lafa ejjechuu hin barbaanne+ illee abbaa manaa ishii isa jaallattuuf yookiin ilma ishiitiif yookiin intala ishiitiif hin gadditu; 57 obbaatii luka ishii gidduudhaa baʼuu fi ilmaan deesseef illee hin gadditu; sababiin isaas, magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin, akkasumas diinonni kee magaalota kee dhiphisuu isaaniitiin kan kaʼe ishiin dhoksaatti isaan ni nyaatti.

  • 2 Mootota 25:3-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti magaalattii keessatti beelli ni hammaate;+ namoonni biyyattiis wanta nyaatan hin qaban turan.+ 4 Dallaan magaalattii ni diigame;+ Kaladoonni magaalattiitti marsanii utuu jiranii loltoonni hundi halkaniin karra dallaa lamaan gidduu isa iddoo biqiltuu mootichaatti dhihoo jiru keessa baʼanii baqatan; mootichis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼee deeme.+ 5 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+

  • Isaayyaas 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

      Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa gargaarsa akaakuu hundumaa,

      Nyaataa fi bishaan hundumaa ni balleessa;+

  • Hisqiʼel 4:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi