LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Ani karaa nyaata ittiin argattan yommuun cufu,*+ dubartoonni kudhan iddoo ibiddaa tokkittii keessatti nyaata keessan tolchanii madaalliidhaan isiniif ni hiru;+ isinis ni nyaattu, garuu hin quuftan.+

  • Keessa Deebii 28:53
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 53 Achiis magaalonni kee marfamanii rakkachuu isaaniitiin kan kaʼe, akkasumas diinni kee waan si dhiphisuuf ijoollee kee,* foon ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kenne sanaa nyaachuuf dirqamta.+

  • Ermiyaas 37:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaas Mooraa Eegdotaa+ keessatti akka hidhamu ajaje; daabboon magaalattii keessa jiru hundi hamma dhumuttis+ daandii warra daabboo tolchanii irraa guyyaa guyyaadhaan daabboon tokko tokko isaaf ni kennama ture.+ Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa keessa jiraachuu isaa itti fufe.

  • Ermiyaas 38:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* ni duʼa.+ Namni Kaladootatti harka kennu* garuu lubbuudhaan jiraachuu isaa itti fufa; lubbuun isaa akka boojuutti isaaf ni hafa,* innis ni jiraata.’+

  • Faaruu Ermiyaas 4:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Daaʼimman harma hodhan dheebuu irraa kan kaʼe arrabni isaanii laagaa isaaniitti maxxane.

      Ijoolleen nyaata kadhatu,+ garuu namni isaaniif kennu hin jiru.+

  • Hisqiʼel 4:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+

  • Hisqiʼel 5:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 “‘“Kanaafuu, abbootiin si gidduutti argaman ilmaan isaanii ni nyaatu,+ ilmaanis abbootii isaanii ni nyaatu; anis si gidduutti murtii nan dabarsa, warra si keessaa hafan hundumaas kallattii hundumaatiin* nan bittinneessa.”’+

  • Hisqiʼel 5:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Si keessaa harka sadii keessaa harki tokko golfaadhaan* ni duʼu yookiin beelaan si gidduutti ni dhumu. Harka sadii keessaa harki tokko naannoo keetti goraadeedhaan ni kufu.+ Harka sadii keessaa harka tokko immoo kallattii hundumaatiin* nan bittinneessa; isaan ariʼuufis goraadee nan luqqiffadha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi