LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 17:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.

  • Isaayyaas 55:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Namni hamaan daandii isaa,

      Namni jalʼaanis yaada isaa haa dhiisu;+

      Dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef,*+

      Gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.+

  • Ermiyaas 18:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Ammas, maaloo, namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani badiisaa fi mala tokko isin irratti qopheessaan* jira. Maaloo, daandiiwwan keessan warra hamoo irraa deebiʼaa; daandiiwwan keessanii fi gochawwan keessanis sirreessaa.”’”+

  • Ermiyaas 35:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye.

  • Hisqiʼel 18:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, yaa mana Israaʼel, ani akka daandii keessaniitti tokkoon tokkoon keessan irratti nan murteessa.+ Isaan gufuu yakkamtoota isin godhu akka isinitti hin taaneef, deebiʼaa, eeyyee, balleessaa keessan hundumaa irraa guutummaatti deebiʼaa.

  • Hisqiʼel 33:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani duʼa nama hamaatti hin gammadu;+ kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree+ lubbuudhaan akka jiraatun barbaada.+ Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ maaliif duutu?”’+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi