LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 9:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+

  • Ermiyaas 7:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “‘Haa taʼu malee, amma gara iddoo koo isa Shiilootti+ argamu, isan jalqaba maqaan koo achi akka jiraatu godhe+ sanaa dhaqaatii hammina saba koo Israaʼeliin kan kaʼe wantan isa irratti raawwadhe ilaalaa.+

  • Ermiyaas 7:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kanaafuu, mana maqaan koo itti waamamuu+ fi isin itti amanamtan kana irratti,+ iddoon isinii fi abbootii keessaniif kenne kana irrattis akkuman Shiiloo irratti godhe nan godha.+

  • Daaniʼel 9:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa Waaqa koo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi! Ija kees baniitii badiisa magaalaa keenya ishii maqaa keetiin waamamte irra gaʼe ilaali; sababiin isaas, nuti si kadhachaa kan jirru gocha qajeelummaa keenyaan utuu hin taʼin, gara laafina kee isa guddaadhaan kan kaʼe dha.+

  • Hoseʼaa 12:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Yihowaan Yihudaa irratti falmii seeraa qaba;+

      Yaaqoobiin akka daandiiwwan isaatti ni adaba,

      Akka gocha isaattis isaaf ni deebisa.+

  • Miikiyaas 6:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Yaa gaarota nana, yaa hundeewwan lafaa warri ciccimoo taatan,

      Falmii seeraa Yihowaa dhagaʼaa,+

      Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa wajjin falmii seeraa qaba;

      Inni saba Israaʼeliin ni falma:+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi