-
2 Mootota 17:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+
-
-
Ermiyaas 7:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “‘Haa taʼu malee, amma gara iddoo koo isa Shiilootti+ argamu, isan jalqaba maqaan koo achi akka jiraatu godhe+ sanaa dhaqaatii hammina saba koo Israaʼeliin kan kaʼe wantan isa irratti raawwadhe ilaalaa.+ 13 Yihowaan akkana jedha: ‘Isin garuu wantoota kana hundumaa raawwachuu keessan itti fuftan; ani irra deddeebiʼee* kanan isinitti dubbadhe taʼus, isin hin dhageenye.+ Irra deddeebiʼeen isin waame, isin garuu hin owwaanne.+ 14 Kanaafuu, mana maqaan koo itti waamamuu+ fi isin itti amanamtan kana irratti,+ iddoon isinii fi abbootii keessaniif kenne kana irrattis akkuman Shiiloo irratti godhe nan godha.+
-