LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 24:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Tajaajiltoonni isaa magaalattiitti marsanii utuu jiranii, Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara magaalattiitti dhufe.

  • 2 Mootota 24:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa hundumaas achi keessaa baasee fudhate.+ Miʼawwan warqii mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiranii fi Solomoon mootiin Israaʼel hojjete hundumaa ni caccabse.+ Kunis akkuma Yihowaan dursee dubbatetti ni raawwatame.

  • 2 Seenaa Baraa 36:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Achiis Nebukadnezaar miʼawwan mana Yihowaa keessa jiran tokko tokko gara Baabilonitti fudhatee mana mootummaa isaa isa Baabilon keessatti argamu keessa kaaʼe.+

  • Ermiyaas 28:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Wagguma sanatti, jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, waggaa arfaffaatti, jiʼa shanaffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuur inni Gibeʼon+ irraa dhufe mana Yihowaa keessatti lubootaa fi guutummaa sabichaa duratti akkana naan jedhe: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.+ 3 Waggaa lama* gidduutti miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon asii fuudhee gara Baabilonitti geesse hundumaa bakka kanatti nan deebisa.’”+

  • Daaniʼel 1:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+ 2 Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi