LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:48
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 48 Yihowaan diinota kee sitti ni erga; atis beeloftee,+ dheebottee, daartee, akkasumas wanta hundumaa dhabdee utuu jirtuu isaan tajaajilta.+ Innis haxaaʼee hamma si balleessutti waanjoo sibiilaa morma kee irratti ni feʼa.

  • Isaayyaas 3:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kunoo, Gooftaa dhugaan, Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

      Yerusaalemii fi Yihudaa keessaa gargaarsa akaakuu hundumaa,

      Nyaataa fi bishaan hundumaa ni balleessa;+

  • Hisqiʼel 4:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Bishaanis safartee hiinii tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko* ni dhugda. Isas saʼaatii dhaabbataa taʼetti dhugda.

  • Hisqiʼel 4:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi