-
Ermiyaas 23:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+ 6 Bara isaatti Yihudaan ni oolti;+ Israaʼelis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan inni ittiin waamamus, ‘Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha’ kan jedhu taʼa.”+
-
-
Hisqiʼel 28:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”
-