LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 23:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+ 6 Bara isaatti Yihudaan ni oolti;+ Israaʼelis tasgabbiidhaan ni jiraatti.+ Maqaan inni ittiin waamamus, ‘Yihowaan Qajeelummaa Keenya Dha’ kan jedhu taʼa.”+

  • Hisqiʼel 28:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26 Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”

  • Hisqiʼel 34:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “‘“Ani isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ isaan lafa onaa keessa tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi bosona keessa akka ciciisaniif+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi