LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 26:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Biyya keessan keessatti nagaa nan buusa;+ namni tokko illee utuu isin hin sodaachisin ciistu;+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyya keessan keessaa nan baasa; goraadeen lolaas biyya keessan keessa hin darbu.

  • Isaayyaas 11:6-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata,+

      Qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa,

      Jabbiin, leencii* fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu;*+

      Mucaan xinnoonis isaan ni tiksa.

       7 Saanii fi amaakenni waliin ni dheedu,

      Ilmooleen isaaniis waliin ni ciciisu.

      Leencis akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata.+

       8 Daaʼimni harma hodhu manʼee marʼataa irra ni taphata,

      Daaʼimni harma guʼes harka isaa boolla bofa summii qabuu keessa ni kaaʼa.

       9 Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti+ miidhaa

      Yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan,+

      Sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu,

      Laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti.+

  • Isaayyaas 35:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Leenci achitti hin argamu,

      Bineensonni bosonaa hamoo taʼanis isatti hin seenan.

      Isaan achitti hin argaman;+

      Warra boojuudhaa deebifaman qofatu achi irra deema.+

  • Isaayyaas 65:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yeeyyiinii fi xobbaallaan hoolaa waliin ni sooratu,

      Leenci akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata,+

      Boftis biyyoo ni nyaata.

      Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaas taʼe badiisa akkamii iyyuu hin geessisan”+ jedha Yihowaan.

  • Hoseʼaa 2:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Guyyaa sanatti ani isaaniif jedhee bineensota bosonaa wajjin,

      Simbirroota samii fi uumamawwan lafa irra munyuuqanii wajjin kakuu nan gala;+

      Iddaa, goraadee fi waraana biyyattii keessaa nan balleessa;+

      Tasgabbiidhaan akka ciisanis* nan godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi