LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 11:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yeeyyiin xobbaallaa hoolaa wajjin ni jiraata,+

      Qeerransis ilmoo reʼee wajjin ni ciisa,

      Jabbiin, leencii* fi horiin gabbataan waliin ni jiraatu;*+

      Mucaan xinnoonis isaan ni tiksa.

       7 Saanii fi amaakenni waliin ni dheedu,

      Ilmooleen isaaniis waliin ni ciciisu.

      Leencis akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata.+

  • Isaayyaas 65:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yeeyyiinii fi xobbaallaan hoolaa waliin ni sooratu,

      Leenci akkuma qotiyyoo galabaa ni nyaata,+

      Boftis biyyoo ni nyaata.

      Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaas taʼe badiisa akkamii iyyuu hin geessisan”+ jedha Yihowaan.

  • Hisqiʼel 34:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “‘“Ani isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ isaan lafa onaa keessa tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi bosona keessa akka ciciisaniif+ bineensota bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.+

  • Hoseʼaa 2:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Guyyaa sanatti ani isaaniif jedhee bineensota bosonaa wajjin,

      Simbirroota samii fi uumamawwan lafa irra munyuuqanii wajjin kakuu nan gala;+

      Iddaa, goraadee fi waraana biyyattii keessaa nan balleessa;+

      Tasgabbiidhaan akka ciisanis* nan godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi