-
Ermiyaas 6:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Isa xinnaadhaa hamma isa guddaatti, tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuuf yaalu;+
Raajicha irraa hamma lubichaatti, tokkoon tokkoon isaanii gowwoomsaa raawwatu.+
14 Isaan utuu nagaan hin jiraatin,
‘Nagaa dha! Nagaa dha!’ jechaa,+
Caba saba kootii irruma keessa walʼaanuuf yaalii godhu.
-
-
Ermiyaas 28:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Wagguma sanatti, jalqaba bulchiinsa Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaatti, waggaa arfaffaatti, jiʼa shanaffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuur inni Gibeʼon+ irraa dhufe mana Yihowaa keessatti lubootaa fi guutummaa sabichaa duratti akkana naan jedhe: 2 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.+ 3 Waggaa lama* gidduutti miʼawwan mana Yihowaa warra Nebukadnezaar mootiin Baabilon asii fuudhee gara Baabilonitti geesse hundumaa bakka kanatti nan deebisa.’”+ 4 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani waanjoo mootii Baabilon waanan cabsuuf, Yikooniyaa+ ilma Yehoyaaqiim+ mootii Yihudaa, akkasumas namoota boojiʼamanii Yihudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman hundumaa bakka kanatti nan deebisa.’”+
-