-
Ermiyaas 23:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbatan, ‘Ani abjuu argeera! Ani abjuu argeera!’+ yommuu jedhan dhagaʼeera.
-
-
Hisqiʼel 13:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Harki koo raajota mulʼanni isaanii soba taʼee fi raajii sobaa dubbatan irratti kaʼeera.+ Isaan saba ani akka michuu kootti ilaalu keessaa tokko hin taʼan; galmee mana Israaʼel keessatti hin galmeeffaman; gara biyya Israaʼelittis hin deebiʼan; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.+ 10 Kun hundi kan taʼu, utuu nagaan hin jiraatin, “Nagaa dha!” jedhanii saba koo karaa irraa waan jalʼisaniifi.+ Yommuu girgiddaan humna hin qabne ijaaramutti, isaan immoo nooraa ni dibu.’*+
-