LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraa 1:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Dubbiin Yihowaan karaa Ermiyaas dubbate+ akka raawwatamuuf, waggaa jalqabaa Qiiros+ mootii Faarsitti, Yihowaan guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii tokko akka labsuuf hafuura Qiiros mootii Faarsi ni kakaase; innis akkana jedhee labsii sana barreesse:+

      2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera.

  • Isaayyaas 21:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Mulʼanni hamaan tokko natti himameera:

      Inni gantuun gantummaa raawwachaa jira,

      Inni badiisa geessisus badiisa geessisaa jira.

      Yaa Eelaam, ol baʼi! Yaa Meedon,+ itti marsi!

      Ani dhiphina ishiin geessiste hundumaa nan balleessa.+

  • Isaayyaas 45:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 45 Yihowaan Qiiros+ isa dibe sanaan,

      Isa saboonni akka isaaf bitaman gochuuf,+

      Mootota meeshaa waraanaa hiiksisuuf,*

      Karrawwan akka hin cufamneefis

      Balbaloota isa duratti banuuf

      Harka isaa mirgaa qabate+ sanaan akkana jedha:

  • Ermiyaas 50:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Sababiin isaas, kunoo ani biyya kaabaa irraa yaaʼii saboota guddaa tokko kaasee

      Baabilon irratti nan fida.+

      Isaan waraanaaf tarree galanii ishiitti ni dhufu;

      Ishiinis achiin ni qabamti.

      Xiyyawwan isaanii akkuma xiyya loltuu ti,

      Ijoollee malee isaan hambisu;+

      Isaan buʼaa malee hin deebiʼan.

  • Daaniʼel 6:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Akka kanaan Daaniʼel mootummaa Daariyosii+ fi mootummaa Qiiros isa nama Faarsi+ taʼe sanaa keessatti milkaaʼina ni argate.

  • Daaniʼel 9:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Waggaa jalqabaa Daariyos+ ilma Ahaashweros isa nama Meedon taʼee fi mootummaa Kaladootaa irratti mootii godhame sanaatti,+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi