LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 29:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Wanti samii keessas taʼe lafa irra jiru hundi kan kee waan taʼeef,+ yaa Yihowaa, guddinni,+ jabinni,+ miidhaginni, simboonii fi ulfinni+ kan kee ti. Yaa Yihowaa, mootummaan kan kee ti.+ Ati hundumaa irratti mataa of gooteetta.

  • Iyyoob 12:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ogummaanii fi guddinni isa bira jira;+

      Inni Waaqa kaayyoo ti, hubannaas qaba.+

  • Faarfannaa 147:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Gooftaan keenya guddaa dha, humni isaas jabaa dha;+

      Hubannaan isaa bira gaʼamuu kan hin dandeenye dha.+

  • Ermiyaas 32:17-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kunoo ati humna kee isa guddaa fi irree kee isa diriirfameen samiiwwanii fi lafa tolchiteetta.+ Wanti siif hin dandaʼamne tokko illee hin jiru; 18 ati isa jaalala amanamaa kumaatamatti argisiisu, isa balleessaa abbootiin raawwatan ilmaan isaanii* warra isaan booda dhufanitti deebisu,+ Waaqa dhugaa, isa guddaa fi isa jabaa, isa maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe sana dha. 19 Gorsi kee guddaa dha,* gochi kees jabaa dha;+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaattii fi akka hojii isaatti isaaf kennuuf,+ ijji kee daandii namootaa hundumaa ni ilaala.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi