-
Baʼuu 34:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yihowaanis akkana jedhee labsaa isa dura darbe: “Yihowaa, Yihowaa Waaqa araara qabeessaa+ fi gara laafessa*+ taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu,+ jaalalli isaa inni amanamaanii+ fi dhugaan*+ isaa baayʼee kan taʼe, 7 jaalala amanamaa kumaatamatti kan argisiisu,+ dogoggora, balleessaa fi cubbuu kan namaaf dhiisu,+ taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne,+ balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, ilmaan ijoollee isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.”+
-
-
Lakkoofsa 14:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 ‘Yihowaa, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe,+ dogoggoraa fi balleessaa kan namaaf dhiisu, taʼus, isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin kan hin dhiisne, balleessaa abbootiin raawwataniif ilmaan isaanii, dhaloota sadaffaa fi dhaloota arfaffaa kan adabu.’+
-