LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 1:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Waaqni dhugaanis barreeffamaa fi ogummaa akaakuu hundumaa irratti dargaggoota* arfan kanaaf beekumsaa fi hubannaa ni kenne; Daaniʼeliif immoo mulʼataa fi abjuu akaakuu hundumaa irratti hubannaan ni kenname.+

  • Daaniʼel 1:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Mootichi dhimma ogummaa fi hubannaa barbaadu hundumaa yommuu isaan gaafatu, isaan guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan+ hundumaa irra harka kudhan akka caalan hubate.

  • Daaniʼel 5:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Mootummaa kee keessa namichi hafuura waaqolii qulqulluu qabu tokko jira. Bara abbaa keetti, beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan kan akka ogummaa waaqolii taʼe isa keessatti argamee ture.+ Abbaan kee Nebukadnezaar Mootichi luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, Kaladootaa fi warra urjii lakkaaʼan irratti ajajaa godhee isa muudee ture;+ yaa mootii, abbaan kee akkana godhee ture. 12 Sababiin isaas, Daaniʼel inni mootichi Belteshaazaar+ jedhee moggaase sun abjuu hiikuu, dubbii dhokataa ibsuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* irratti dandeettii addaa, beekumsaa fi hubannaa qaba ture.+ Egaa amma Daaniʼel haa waamamu; inni hiika isaa sitti hima.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi