-
2 Seenaa Baraa 30:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Ammas akka abbootii keessaniitti mata jabeeyyii hin taʼinaa.+ Dheekkamsi isaa inni bobaʼaan akka isin irraa deebiʼuuf,+ Yihowaadhaaf ajajamaa; akkasumas gara iddoo qulqulluu isaa isa inni bara baraaf qulqulleessetti kottaatii+ Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. 9 Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+
-
-
Sefaaniyaa 2:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Labsichi hojii irra ooluu isaa dura,
Guyyichi akka galabaatti darbuu isaa dura,
Dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu isin irratti dhufuu isaa dura,+
Guyyaan dheekkamsa Yihowaa isin irratti dhufuu isaa dura,
3 Isin garraamonni* lafa irraa hundi,
Isin warri labsiiwwan* isaa warra qajeeloo eegdan, Yihowaa barbaaddadhaa.+
Qajeelummaa barbaaddadhaa, garraamummaas* barbaaddadhaa.
Tarii guyyaa dheekkamsa Yihowaatti ni golgamtu taʼa.+
-