LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 21:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.

      25 Kanaan kan kaʼes, Israaʼel magaalota kana hundumaa ni fudhate; isaan Heshboonii fi magaalota ishii jalatti* argaman dabalatee, magaalota Amoorotaa+ hundumaa keessa jiraachuu jalqaban.

  • Iyyaasuu 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘Anis gara biyya Amoorotaa warra Yordaanos gama* jiraachaa turanitti isin nan fide; isaanis isin irratti waraana banan.+ Isin biyya isaanii dhaalaan fudhachuu akka dandeessaniif, ani harka keessanitti dabarsee isaan nan kenne; isin duraas haxaaʼee isaan nan balleesse.+

  • Faarfannaa 135:10, 11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Saboota hedduu rukuteera,+

      Mootota jajjaboos ajjeeseera;+

      11 Sihoon mootii Amoorotaa,+

      Oog mootii Baashaan,+

      Akkasumas mootummoota Kanaʼaan hundumaa moʼeera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi